• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaatti namoonni hedduun sababa tokko malee yeroo dheeraaf hidhamanii dararamaa jiru

Aug 28, 2024

ONM-ABO Hagayya 28, 2024

Sababa tokko malee  Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun ilmaan Oromoo hedduun ji’ootaa fi waggoota hedduuf bulchiinsa maafiyaa Bilxiginnaa jalatti garmalee dararamaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaatti hawaasni nagaan sababa tokko malee yeroo dheeraaf murtii seeraa tokko malee hidhamanii jiraachuu ONM jiraattotaa fi maddeen irraa odeeffate.

Aanaa Nuunnuu Qumbaa gandoota adda addaa keessaa kan ukkaamfaman yoo ta’u, namoonni hedduun sababa “ijoollee keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuun mana hidhaatti gidirfamaa jiraachuu jiraattonni aanichaa dubbisne ni himaniiru.

Hidhamtoonni hedduun waajjira buchiinsa magalaa Adaree keessatti hidhamanii kan jiran yommuu ta’u, hanga yoonaatti namoota hidhamanii jiran keessaa kan maqaa arganne;

  1. Moosisaa Ittaanaa,
  2. Moosisaa Galataa,
  3. Misgaanuu Qana’aa fi kanneen maqaan nu hin geenye akka jiran barameera.

Leave a Reply