ONM-ABO Hagayya 28, 2024
Alaa fi keessaan wal-waraansi impaayerattii keessatti adeemsifamaa jiru yeroo ammaa ergamtoota bilxiginnaatti sodaa guddaa uumuun egeree isaaniif abdii kutachuu irraan kan ka’e akkasumas humna waraanaa isaan of harkaa qaban harki caalu sirnicha ganuun miliqanii badaa waan jiraniif, kufaatii kanarraa of baraaruuf jecha hawaasa ofiifuu jireenya isaa waliin wal’ansoo qabuun jireenyi rakkisaa jiru ”nuuf lolaa” jechuun dirqamaan qabanii gara leenjii waraanaatti erguu itti fufanii jiru.
Bifuma kanaan, Godina Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyootti loltoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu itti fufanii jiru.
Aanaa Gobbuu Sayyoo ganda “Beecaruu Bakkaniisaa” jedhamu irraa Hagayya 24, 2024 loltoonni sirnichaa namoota gabaa deemaa jiran daandii gubbaa irraa dirqamaan qabanii gara leenjii waraanaatti erganii jiraachuun ifoomee jira.
- Namoota maqaan isaanii:
- Tarreessaa Maammoo,
- Darajjee Abbabaa,
- Sooressaa Tasfaa,
- Hiikaa Igguu jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ukkamfasanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.



