• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuutti Kaabinoonni PP galii waggaa hanqate guutuuf abbootii qabeenyaa irratti saamicha raawwatan

Aug 29, 2024

ONM-ABO Hagayya 29, 2024

Kaabinoonni PP yeroo adda addaatti sabbata haadha hiyyeessaa hiikkachiisuun imimmaan irra lolaasaa faayidaa dhuunfaa isaanii irra oolfachuun jireenya gammachuu jiraachuuf ifaajan  maqaa galiitu hanqateen  hawaasa daldalaan jiraatan irraa qarshii walitti guuruu akkuma itti fufanitti jiru.

Haaluma kanaan, godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuu keessatti Kaabinoonni PP galii waggaa hanqate guutuuf abbootii qabeenyaa irratti saamicha raawwataa jiraachuun ibsame.

Kaabinoonni PP aanaa Mattuu gandoota hunda keessatti galii waggaa qarshii miliyoona ja’a (6,000,000) hanqate guutuuf jecha abbootii qabeenyaa  aanicha keessatti argaman irraa dirqamaan abbaa qabeenyaa doqdoqqee irraa qarshii 5,000,  abbaa qabeenyaa baajaajii irraa qarshii 10,000 guurrataa jiraachuu jiraattonni aanichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Kaffaltii humnaan olii karaa kaabinootaa itti fe’ameen dalaganii buluu kanneen dadhaban abbootiin qabeenyaa hedduun tajaajila dhaabuus itti dabaluun ibsameera.

Leave a Reply