• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni faashistii PP godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Sireetti maqaa caasaa keenya diigame ijaarra jedhuun miidhaa hawaasa irratti qaqqabsiisuun dhagaa’ame 

Aug 29, 2024

ONM-ABO Hagayya 29, 2024

Aangaa’onni Bilxiginnaa fi lukkeeleen isaa bulchiinsa isaanii laamsha’ee qarqara kufaatii irratti argamuun isaa abdii kan kutachiise, hojii badaa hojjetanii sirnicha hiddaan gadi dhaabuuf jecha halkanii fi guyyaa waraana baadiyyaa Oromiyaatti bobbaasuun miidhaa qaqqabsiisaa jiru.

Godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Sireetti dabni PP’n taasisaa jiru egeree sabaatti ba’aa ulfaataa ta’uun waraanni faashistii PP baadiyyaa onichaatti guyyuu bobbaafaman hawaasa gandoota keessatti argaman cufa saamaa, reebaa, hidhaa fi ajjeesaa kan jiran ta’uu jiraattonni himuun, hojii farrummaa isaanii itti fufuuf caasaa sirnichaa diigame ijaarra jechuun kaleessa Hagayya 28, 2024 gandoota hedduutti waraana akka bobbaasan jiraattonni ONM’tti himan.

Kana malees akkaataan caasaa sirnichaa duraan ijaaramee jiru hunduu jijjiiramee bifa biroon akka ijaaramuuf haal-dureen xumuramee kan jiru yoo ta’u,  caasaa sirna bilxiginnaa gandoota baadiyyaatti ijaaramuuf jiru kanatti ammoo abbootiin warraa hirmaannaa taasisuun milishummaaf akka leenji’anis karoorri ba’ee akka jiru dabaluun ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply