• Fri. Nov 27th, 2026

Baha Shaggaritti bilxiginnaan hawaasa nagaa beelaan fixuuf bishaan laga Awwaashii fi hara Danbal itti jal’isuun qabeenyaa fi qe’een uummataa bishaanichaan liqinfamuun beekame

Aug 30, 2024

ONM-ABO Hagayya 30, 2024

Bilxiginnaan uummata Oromoo rasaasaa fi ibiddaan dadhabee bishaan yeroon roobaa osoo hin ga’in dursee karaa bishaanichaa uummatatti jal’isuun oomisha balleessee uummanni beelaan akka saaxilamuuf irratti hojjechuu milkaa’ina hojii isaa godhatee jira.

Uummanni Oromoo qabsoo diddaa waanjoo garbummaa bilxiginnaa jalaa bahuuf lubbuu ilmaan Oromoo kichuu hanga jaarsaatti itti gabbaree ammas gabbaraa jiru murni bilxiginnaa Oromoo fakkaachuun gochoota seenaa fi seeraan jalaa hin baane hojjechuu jabeessee jira.

Haaluma kanaan uummanni Baha Shaggar aanaa Dugdaa fi Booraa jalatti argaman kanneen akka Burqaa Danbaal, Daraaraa Dalachaa, Waldaa Qal’inaa fi Waldaa Maqdalaa jedhaman bishaan haaraa Zuwaay cinatti argaman hundi midhaan boqqolloo, xaafii, qamadii fi misoomni naannolee sana keessatti argamu kanneen akka timaatimaa, qullubbii diimaa, Paappayyaa fi kkf hundi gochaa harka bilxiginnaatiin bishaanichaan liqinfamee jira.  

Akka jiraattonni gandoota kanneenii ONM’ dubise himanitti, bilxiginnaan isin deggartoota WBO’ti gibira hin kaffaltan, walga’ii nuuf hin baatan mee akka WBO’n keessan dhufee isinirraa nu dhowwu ilaalla jechuun dhaadachaa turuu himu.

Uummanni naannicha qe’ee fi qabeenya isaanii irraa sababa bishaanichaan da’oo tokko malee ala bulaa jiraachuu fi daa’imman xixiqqoon qorraa fi roobaan harkatti miidhamuu himanii jiru.

Gandoota kanneen keessaa Finfinnedhaaf kuduraaleen achi keessaa bahan guyyaa tokkotti yoo xiqqaate konkolaataa 85 ol ta’uu himuun, sababa harri itti jal’atee ooyiruu fi oomishni jalaa liqimfameef oomisha gabaaf dhiyeessan qabaachuu mitii, ofiifuu bara dhufu gargaarsa midhaan nyaataa kan eeggatanii fi da’oo dhabanii akka dararaman jiraataa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko himeera.

Leave a Reply