• Mon. Nov 9th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti loltoonni faashistii PP, jiraattota hidhaatti guuruu itti fufan

Aug 31, 2024

ONM-ABO Hagayya 31, 2024

Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo adamsanii qabuun gochoota suukkaneessoo raawwachaa kan oolan lukkeeleen bilxiginnaa, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti loltoonni isaanii uummata irratti reebicha hamaa raawwachuun hidhaatti darbachuu itti fufanii jiraachuun himamee jira.

Aanaa Cawwaaqaa buufata 4’ffaa bakka addaa Jagan jedhamu keessatti milishonnii fi farri riphee lolaa dargaggoota iddoo isaan bulanitti marsuudhaan namoota afur qabanii harka duubatti hidhanii reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Namootni maqaan isaanii:

  1. Umar Ahimad Umaree,
  2. Naasir Jamaal Daawwee,
  3. Jaafaroo Mahaammad,
  4. Shugguree Imaanuu,
  5. Qayyoo Ahimad,
  6. Diinaa Shaafii Umarii fi kanneen biroo hedduun badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply