• Thu. Apr 30th, 2026

Rippaabilikni Diimookiraatawaa Koongoo Ruwaandaan sarbama seeraa raawwatte jechuun gara Mana Murtii Baha Afrikaatti geessuuf

Aug 31, 2024

ONM-ABO Hagayya 31, 2024

Rippaabilikni Diimookiraatawaa Koongoo waldhabdee baha Koongoo keessatti deemaa jiru keessatti Ruwaandaan abbaa biyyummaa ishee sarbuu, namoota nagaa irratti gocha hammeenyaa raawwachuu fi seera addunyaa cabsuu ishee himatti.

Tishisekediib ogeeyyii U.S fi U.N. waliin ta’uun biyyi ollaa Ruwaandaan garee Finciltootaa M23f deggarsa waraanaa kennite jechuun himatu.

Ruwaandaan himannaa kana ni haalte. Garuu baatii Guraandhalaa keessa nageenya ishee eeguuf baha Koongoo keessatti loltootaa fi sirna misaa’elaa akka qabdu  amantee turte. Kunis humnoonni Koongoo naannoo daangaatti walitti qabamuu isaanii agarsiisa.

Tarkaanfiin seeraa kun tattaaffii itti aanaan ministeera haqaa Koongoo Saamu’eel Mibembaan manni murtichaa dhimmicha akka fudhatu dhiibbaa godhan hordofeeti. Ruwaandaan Mana Murtii Mirgoota Namoomaa fi Ummatootaa Afrikaattis himannaan dhiyaachaa jirti.

DRCn itti gaafatamummaa akka qabaatu dhiibaa kan jirtu yoo ta’u, Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) qorannoo gocha Ruwaandaa irratti akka saffisiisu gaafachaa jirti. Mootummaan namoota miidhamaniif hubannoo uumuu fi haqni akka kennamuuf duula “Haqa DRC” jedhu jalqabeera.

Baha Koongootti gareewwan 120 ol ta’an aangoo, lafaa fi qabeenya albuudaa gatii guddaa qabuuf kan falman yoo ta’u, kaan ammoo hawaasa isaanii ittisuuf yaaluun qabsoo hidhannootiin falmaa turan. Gareen hidhate tokko tokko ajjeechaa jumlaa raawwachuun himatamaa turaniiru.

Jeequmsi baha bulchiinsa Kaaba Kiivuu keessatti baay’inaan mul’ate kun ajjeechaa seermalee raawwachuu qofa osoo hin taane miidhaa saalaa geessiseera.

Dubartoonni naannichatti mooraa buqqaatota keessa jiraatan 10 keessaa tokko ol Sadaasa bara 2023 hanga Ebla 2024 gidduutti gudeeddiin akka irratti raawwatame gabaasuu isaanii Doktoroonni Daangaa hin qabne ykn MSF gabaasa Kibxata darbe baaseen beeksisaniiru jechuun Africa News gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading