• Wed. Nov 25th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti ergamtoonni bilxiginnaa imaltoota konkolaataa irraa buusanii saamaa jiraachuun himame

Sep 1, 2024

ONM-ABO Fulbaana 1, 2024

Garaa isaanii guuttachuu qofaaf kan hojjetan ergamtoonni bilxiginnaa miindaan isaanii isaan jiraachisu yeroo dadhabu akkaataa isaaniif dandaa’ameen hanga humni isaanii danda’e Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti qabeenya uummataa saamuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti loltoonni sirnichaa imaltoota konkolaataa irraa buusuun saamuu itti fufuun hawaasni dararaa argaa jira.

Magaalaa Buraayyuu bakka addaa Laga Gafarsaa jedhamutti Hagayya 28, 2024 imaltoota Lixa Oromiyaa irraa ka’uun gara magaalaa Finfinnee deemsa irra jiran loltoonni sirnichaa konkolaataa uummataa baay’inni isaa 17 ta’an dhaabsisuun uummata irraa harcaasuun nama hunda irraa bilbila gurgguddaa guuranii erga sakattaa’anii booda qarshii kuma kudhan kudhan yoo nuuf kaffaltan malee isiniif hin kenninu jechuun guyyaa waaree booda sa’a torba irraa eegaluun hanga halkan keessaa sa’a lamatti daandii gubbaa tursiisuun dararaa turuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply