ONM-ABO Fulbaana 1, 2024
Sirni bulguun afaan qawween impaayera Itiyoophiyaa bulchaa jiru bilxiginnaan, hawaasa nagaa siyaasa kam keessaa qooda hin qabne, kan dafqa isaaniin ofii fi maatii isaanii jiraachisan akkan ani jedhetti buluu fi siyaasa kiyya fudhachuu diddan ittiin jechuun ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi waqtii roobaa kanaan qe’ee irraa buqqisuu haala duraan barameen olitti jabeessanii itti fufaniiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Issooyyee Guulaa keessatti Hagayya 30, 2024 milishoonni sirnichaa safuu fi safeeffannaa hin beekne hawaasa irraa dhalataniif illee naasuu hin qabne kan Koloneel Abiyi Ahimed qofa aangoo irra tursuuf dhama’an maqaa sakattaa WBO jedhuun gandichatti bobbaafamuun dhukaasa hawaasa nagaa irratti bananiin namoota sadii madeessuun, gariin yoo hidhan, namoonni 10 ol ta’an ammoo dhukaasa irratti banameen faffaca’uun du’anii fi jiruun isaanii hin beekamne jedhu jiraattotni.
Namoonni milishoota murna bilxiginnaa kanaan Hagayya 30, 2024 madaa’an kunneenis dargaggoo Aliyyii Ahimed Callaa rasaasa 4’n miilla isaa irra rukutuun yoo madeessan, Aliyyii Abduu Sammaan ammoo rasaasa 2’n miilla irra rukutuu fi Siraaj Ahimed Yusufee kan jedhamus gateettiirra madeessuun yeroo ammaa maatiin hospitaala geessanii yaalamaa akka jiran dabaluun dubbatan.
Guyyuma namoota nagaa madeessan kana aanichuma ganda Guulaa Xiggee jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii Husseen Adam Mahaammad, Indiris Abduu Husseen, Usumaan Zubeer, Nuurusseen Aliyyii, Mahaammad Ahimed Hasan fi Aliyyii Ahimed Aannee jedhaman reebicha cimaa irraan ga’uun akka hidhan dabaluun ibsaniiru.
Akka jiraattota gandichaa ONM dubbise himanitti Aliyyii Ahimed Aannee kan jedhamu nama miilla hin qabne kiraanchiin okkolu kan hojjetee of jireessuu hin dandeenye qabanii hidhuu fi Mahaammad Ahimed Hasan kan jedhamu ammoo nama ooyruu namaa hojjechuun of jiraachisu bakka inni hojjetutti milishoonni kun itti dhaqanii rasaasa 20 ol irratti dhukaasuun fiigee gaafa harkaa ba’u miilli dhagaa gidduu seenuun caccabee bakkee keessa ciisaa akka tures itti dabaluun addeessaniiru.
Yeroo ammaa gandicha keessaa namoonni hedduun milishoota PP’n qe’ee irraa buqqifamuun daa’imman xixiqqoon roobaa fi qorraan waxalamaa fi namoonni 10 ol ta’an ammoo dhukaasa irratti banameen faffaca’anii du’aa fi jireenyi isaanii dhabameera jechuun maddeen keenya gamasii nuuf eeraniiru.
