• Tue. Nov 24th, 2026

Pirezidaantiin Ruwaandaa loltoota 1,000 ol waraana irraa soorama baasan

Sep 1, 2024

ONM-ABO Fulbaana 1, 2024

Preezdaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaamee jeneraalota shan dabalatee loltoonni raayyaa ittisa biyyaa kuma tokkoo ol soorama akka bahan raggaasisaniiru jechuun waraanni biyyattii ibsa Sanbata kaleessaa baaseen beeksiseera.

Kanneen gara sooramaatti ergaman keessaa Hogganaan Ittisaa duraanii Jeneraal Jiin Booskoo Kazuraa, Birgaadeer Jeneraalota afur, qondaaltota olaanoo 170, fi loltoota sadarkaa adda addaa qaban 992 kanneen umriin soorama ba’an ykn waliigalteen tajaajila isaanii xumurame akka ta’e ibsichi ni mul’isa.

Jeneraalonni soorama bahanii fi qondaaltonni olaanoo kunneen bara 1990moota keessa waraana bilisummaa Ruwaandaa irraa eegalee waraana keessatti tajaajilaa turan.

Jeneraal Kazuraan Sadaasa 2019 hanga Waxabajjii 2023tti hogganaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ruwaandaa turan.

Gahee hojii biroo keessaa itti aanaa ajajaa humnaa Ergama Gamtaa Afrikaa Sudaan Daarfuur, fi ajajaa humnaa Ergama Mootummoota Gamtoomanii Maalii ta’uun tajaajilaniiru.

Tarkaanfiin kun kan fudhatame erga Kagameen loltoota 200 ol ta’an, qondaaltota olaanoo fi xixiqqaa gara 20 dabalatee, gocha badaa hamaa, malaammaltummaa fi naamusa waraanaa cabsuudhaan waraana keessaa erga ari’ee guyyaa tokko booda.

“RDF imaammata naamusa dhabuu guddaa fi naamusa badaa irratti cimee jira,” jechuun dubbi himaan waraanaa Birgaader Jeneraal Roonaald Riwivaangaan Jimaata darbe ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin ibsaniiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply