• Mon. Aug 31st, 2026

Israa’el sakatta’iinsa West Baankitti raawwatteen dabalataan lammiilee Falasxiinotaa 36 to’annaa jala oolchite

Sep 2, 2024

ONM-ABO Fulbaana 2, 2024

Lammiileen Falasxiin 36 dabalataan humnoota Israa’eliin Dilbata kaleessaa West Baankii dhuunfatame keessatti sakatta’iinsa waraanaatiin walitti qabamuu isaanii gareewwan dhimma hidhamtootaa beeksisaniiru.

Namoota hidhaman keessaa gaazexeessaa fi barattoonni afur akka ta’an Komishiniin Dhimma Hidhamtootaa fi Waldaan Hidhamtoota Falasxiin ibsa waloo kennaniin beeksisaniiru.

“Hidhamtoonni kunneen gocha manca’uu fi mana lammiilee barbadeessuu dabalatee miidhaa, reebicha hamaa, fi doorsisni maatii isaanii irratti raawwatameera,” jedha ibsichi.

Haleellaa gara jabinaa Israa’el Gaazaa irratti raawwatte keessatti waldhibdeen guddaan kan ture yoo ta’u, bara darbe Onkoloolessa 7 irraa eegalee lammiilee Falasxiinota 40,700 ol kanneen irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman ta’an du’aniiru.

Lakkoofsi Falasxiin lafa qabame keessatti yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 676 ajjeefamuu, gara 5,600 madaa’uu, 10,400 ammoo hidhamuu isaanii   ni mul’isa.

Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa yaada addaa kennee tureen, Israa’el waggoota kurnan lamaan darbaniif lafa Falasxiin qabachuun ishee seeraan ala ta’uu labsee, qubsumni West Baankii fi Baha Yerusaalem keessa jiru hundi akka baafamu gaafateera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading