ONM-ABO Fulbaana 3, 2024
Gareen faashistii PP caasaa haaraa uummachuun gandoota baadiyyaa Oromiyaa guutuutti bobbaasuuf kaadirootaa fi lukkeelee isaaniif amanamoo ta’an dabalatee namoota hojii Bilxiginnaa hojjechuun hirmaannaa siyaasaa keessatti qooda fudhachuuf fedhii hin qabne hedduu filuun bobba’uuf qophii irra jiraachuu maddeen keessoo Bilxiginnaa ONM’tti himan.
Ganda tokko irratti kaabinoota 7’f muudamni kan ta’eef caasaa gandaa diigamee jiru ijaaruuf ganda itti ramadaman hundaatti seenanii hojii hojjechuuf ramaddii fudhataniiru kan jedhan maddeen, namoonni hedduun sodaa lubbuu isaaniif jecha shororkaa hamaa keessa seenanii akka jiranis ifoomeera.
Akka maddeen jedhanitti kaabinoonni kunniin milishootaan akka eegaman kaasuun, kaabinoonni gandi isaan irratti ramadaman bulchiinsa aanaa irraa fagoo ta’an ammoo waraana raayyaa ittisa impaayerattiin eegamtu jechuun bobbaasaa jiraachuu dubbatu.
Dabalataanis kaffaltii maallaqa guddaa isiniif laannaan goyyomsaa uumaa kan jiran murni Bilxiginnaa akka walii galaatti bulchaan gandaa tokko qarshii 13,936 kan kaffalamuuf ta’uu yoo himan, goyyomsaa sirnichaa fi haalli uumamee jiru yaaddoo itti uumuun namoonni hedduunis badaa jiraachuun beekameera.






