• Thu. Sep 3rd, 2026

Godina Booranaa magaalaa Mooyyaalee keessatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed dargaggoo tokko irratti reebicha hamaa raawwatan

Sep 3, 2024

ONM-ABO Fulbaana 3, 2024

Godinaalee Oromiyaa cufa keessatti loltoonni PP impaayera jiguutti dhiyaatte utubuuf jecha gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne halkanii fi guyyaa osoo hin jenne ilmaan Oromoo irratti raawwataa kan jiranii fi addatti immoo dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun dararaa hamaa qaqqabsiisaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Booranaa magaalaa Moyyaalee keessatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed dargaggoo tokko irratti reebicha hamaa raawwatanii jiraachuun ibsameera.

Fulbaana 1, 2024 magaalaa Moyyaalee keessaa osoo inni doqdoqqeen deemuu irraa gadi buusuun badii tokko malee dargaggoo maqaan isaa Salaad Nuuraa Bagajjaa jedhamu irratti reebicha hamaa ta’e raawwachuun iji isaa fi garri maddii isaa miidhamuu jiraataan magaalichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Magaalicha keessatti ilmaan Oromoo irratti yakkoonni gara jabinaa adda addaa maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhuun irra ga’u  cimee itti fufee jiraachuus dabaluun ibsaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading