• Mon. Aug 31st, 2026

Godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaatti hidhattootni murna bilxiginnaa manneen maatii qabsaa’otaa irra deemuun summii midhaan nyaataatti  naquu fi saamichas raawwachuun meeshaalee jiraattotaas caccabsan

Sep 3, 2024

ONM-ABO Fulbaana 3, 2024

Seenaa qabsoo riphee loltoota addunyaa kanaa keessatti warreen bilisummaa saba isaaniif qabsaa’aa turan, akkasumas duula abbootiin irree riphee loltoota dhabamsiisuuf taasisaa turan keessatti mul’atee kan hin beekne, murnoonni bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa ajjeesuu, hidhuun maallaqa guddaa gaafachuu fi saamuu bira darbanii midhaan nyaataa hawaasaatti illee summii naquun gochoota suukkanneessaa argaa fi dhageettiitti hin tollee fi  dubbachuuf illee nama qaanessan guyyuu uummaticha irratti raawwachuu itti fufaniiru. 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Hiddaa fi  Dhaddachaa keessatti Hagayya 29, 2024 waraanni fi milishoonni murna nama nyaataa PP waliin ta’uun maqaa sakattaa WBO jedhuun qe’ee maatii qabsaa’otaa keessa naanna’anii erga manaa ari’aniin booda balbala namootaa caccabsuun ol seenanii maallaqa, uffannaa fi meeshaalee adda addaa saamuun, wantoota achii hin sochoone ammoo achumatti caccabsuu fi midhaan facaafamee margee jirus  buqqisuun daakuu fi wantoota  nyaatamutti summii naqanii deemuu jiraattotni gamasii  ibsaniiru.

Akka jiraattotni jedhanitti hidhattootni Bilxiginnaa uummata nagaa akka goolaniif qe’ee jiraattotaatti bobbaafaman kun warreen ganda Hiddaa fi Dhaddachaa maatii qabsaa’otaatii fi deeggartoota WBO’ti, akkasumas WBO naannoo kana fidanii nu rukuchiisaa jiru waan ta’eef,  kunuu itti xiqqaata, sichi tarkaanfii lubbuu irratti fudhanna jechuun dhaadachaa turuu isaanii dabaluun ONM himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading