ONM-ABO Fulbaana 3, 2024
Obomboleettiin tropikaal Yaagii jedhamu halkan tokko hanga Wiixatatti kaaba Filippiinsi rukutuun miidhaa qaqqabsiiseera. Roobni cimaan kun naannoo hedduutti lolaa guddaa uumuun, sigiga lafaa kaase. Gabaasni Newswire akka jedhutti namoonni sagal hanga 11balaa kanaan ajjeefamaniiru.
Waggaatti obomboleettiiwwan gurguddoo gara 20 ta’an Filippiins ykn bishaan naannoo ishee kan rukutan yoo ta’u, akkaataa idileetti dhuma ji’a Waxabajjii fi Adoolessaa gidduutti manneen jireenyaa fi bu’uuraalee misoomaa miidhuu fi namoota kurnanootaan galaafatu.
Manneen barnootaa fi waajjiraaleen mootummaa guutuu Maniilaatti of eeggannoof kan cufaman yoo ta’u, tajaajilli doonii naannoo balaan kun mudate addaan citee balaliin biyya keessaa 29 haqamaniiru.
Dubartii ulfaa dabalatee namoonni sadii naannoo Maniilaa Antipoloo keessatti sigiga lafaa mudateen lubbuun isaanii darbuu qondaalli odeeffannoo magaalattii tokko dhaabbata oduu AFPtti himeera. Reeffi namoota biroo afur kanneen hundi isaanii bishaaniin liqimfamanis Wiixata kaleessaa argameera.
Wiixata kaleessaa namoonni 300 ol mooraa baqannaa keessatti kan hafan yoo ta’u, qondaaltonni naannoo sanaa bishaan lolaa magaalaa namoota 210, 000 qabdu keessatti sababa bishaan olka’aa ta’een suuta jedhee akka gadi bu’u himaniiru.
Ji’a Adoolessa keessa obomboleettiin humna guddaa qabu Gayemi Filippiins keessatti rooba cimaa fi lolaa guddaa kan kaase yoo ta’u, yoo xiqqaate namoonni 22 du’aniiru jechuun Aljezeeraan gabaaseera.











