• Sat. Sep 5th, 2026

Ilmaan Oromoo lama baqattummaan biyya Somaaliyaa jiraatan du’uun beekame

Sep 5, 2024

ONM-ABO Fulbaana 4, 2024

Roorroo abbaa irree baachuu dadhabuun akkasumas qaala’iinsa jireenyaa impaayerattii keessatti waggoota shanan darbanii kaasee dhufeen uummanni Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa dhiisee akka buqqa’u ta’ee jira.

Oromiyaa keessatti dargaggoota Oromoo kallattii tokkoon siyaasa keenyatti buutan jechuun murni aangoo irra jiru yoo ajjeesu, kallattii biraan ammoo dirqamaan gara leenjii waraanummaatti erguun teessoo isaanii dhiiga ol adeemtootaan tikfachaa jiru.

Hasan Ahimad Muusaa godina Baha Harargee aanaa Faddis araddaa Nagayaa Bobbaasaa ganda Bilmiyyee jedhamutti kan dhalate yoo ta’u, innis roorroo garbummaa baqaaf jecha gara biyya Somaaliyaa akka godaane hiriyootni isaa ONM’tti himan.

Innis erga achi ga’ee bultii kan dhaabbatee fi akkuma baqataa kamii mirgi isaa eegameefii jiraachaa kan ture yoo ta’u, guyyaa kaleessaa jechuun  Hagayya 3, 2024 biyya baqaa keessatti lubbuun isaa darbuu maddeen himan.

Akkasumas namni tokkos kan isa waliin jiru ammaaf kan maqaan nu hin geenye isa waliin lubbuun obbaatee jiraachuu maddeen bakkichaa dabaluun ibsaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading