ONM-ABO Fulbaana 5, 2024
Hoogganaan Chaayinaa Shii Jinping Kamisa har’aa waggoota sadan dhufan keessatti Afrikaaf maallaqa doolaara biiliyoona 50 ol akka kennu waadaa kan seenan yoo ta’u, walga’ii guddaa Beejiing erga weerara vaayrasii koroonaa booda gaggeeffame irratti haasawa taasisaniin, bu’uuraalee misoomaa fi daldala ardii kanaa waliin tumsa gadi fageessuuf waadaa galaniiru.
Hoggantoonni Afrikaa 50 ol ta’anii fi barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez waltajjii Chaayinaa Afrikaa torban kana gaggeeffamu irratti hirmaachaa akka jiran miidiyaaleen mootummaa ni mul’isu.
Hoggantoonni Afrikaa torban kana duraanuu bu’uuraalee misoomaa, qonnaa, albuuda, daldalaa fi anniisaa irratti tumsa guddaa akka qabaatan waliigalteewwan hedduu mirkaneessaniiru.
Sirna baniinsa waltajjichaa Kamisa ganama galma ummataa guddaa faayame Beejiing keessatti gaggeeffame irratti hoggantoota kanaaf haasawa taasisaniin, Shiin hariiroo ardii kana waliin qaban ”yeroo seenaa keessatti isa gaarii” ta’uu isaa jajataniiru.
”Chaayinaan biyyoota Afrikaa waliin industirii, qonna, bu’uuraalee misoomaa, daldalaa fi invastimantii irratti tumsa gadi fageessuuf qophiidha,” jedhan.
”Waggoota sadan dhufan keessatti mootummaan Chaayinaa deggarsa maallaqaa Yuuwaan biiliyoona 360 (Doolaara biiliyoona 50.7) ta’u kennuudhaaf fedhii qabdi ,” jedhan Shiin.
Sana keessaa walakkaan ol liqiidhaan akka ta’u kan dubbatan yoo ta’u, doolaara biiliyoona 11 ”gargaarsa gosa adda addaatiin” akkasumas dhaabbileen Chaayinaa invastimantii akka godhan jajjabeessuun doolaara biiliyoona 10 akka argatu himaniiru.
Akkasumas ”yoo xiqqaate Afrikaaf carraa hojii miliyoona tokko uumuuf” akka gargaaru waadaa galaniiru jechuun France 24 gabaaseera.
