• Wed. Nov 25th, 2026

WBO’n Zoonii Madda Albuudaa Miseensota Haaraaf Leenjii Waraanummaa fi Siyaasaa kennuun eebbisiise

Sep 6, 2024

ONM-ABO Fulbaana 5, 2024

Jaarmiyaan ABO-WBO garbummaatti xumura gochuun uummata Oromoo qabsoo kakaasuun qeerroo fi qarree ofitti fuudhee leenjii waraanummaa fi siyaasaa kennuufiin murna garboomfataa PP loluuf bobbaasuu itti fufee jira.

Akka kanaanis WBO’n Zoonii Madda Albuudaa ilmaan Oromoo saba isaaniif lubbuu tokkottii qaban kennuuf manaa ba’an fudhatee leenjii shaakala dirree fi barnoota caayaan kennaafii ture maqaa “Marsaa Qondaalaa” jedhu itti moggaasuun eebbisiisuun dirqamaaf bobbaaseera. 

Abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Zoonii Madda Albuudaa gama tokkoon diina uummata Oromoo dirree lolaa irratti kokkee qabaa, Madfii fi Zu-23 dura dhaabbatee falmaa, gama birootiin ammoo akkuma dhaadanno WBO’n “Barachaa lollaa, Lolaa Barannaa” jedhutti  Fulbaana 3, 2024 miseensota Waraanaa haaraa leenjii Waraanummaa fi Barnoota siyaasaa barsiifamanii warraaqsaan cuuphaman oomishuun irbuu seensisee dirqama qabsootiif bobbaaseera. 

WBO’n Zoonii Madda Albuudaa fuulduras ilmaan Oromoo garbummaa saba isaanii irraa fonqolchuuf murteeffatan, kanneen bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf of laatan ofitti fudhatee akka leenjisu barameera.

Leave a Reply