• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti barattoota sadarkaa 1’ffaa fi 2’ffaa irratti saamichi raawwatame

Sep 7, 2024

ONM-ABO Fulbaana 7, 2024

Ergamtoonni bilxiginnaa gama isaaniif dandaa’ame maraan ilmaan Oromoo boossisuu kan jaallatan barattoota kutaalee Oromiyaa cufa keessa jiran irratti saamicha raawwataa jiraachuun ibsameera.

Haaluma kanaan, Godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti barattoota sadarkaa 1’ffaa fi 2’ffaa irratti saamichi raawwatamee jiraachuun ibsameera.

Akka jiraattonni magaalichaa ONM’tti komii qaban himanitti “manneen barnootaa mootummaa akkuma mana barnootaa dhuunfaa ta’uun ijoollee keenya barsiifachuuf sababa garaagaraa kaasuun gatii galmee qarshii 300 hanga 500 akkasumas waraqaa geggeessituu fudhachuuf qarshii 500 ol gaafatamaa jirra” jechuun saamicha ulfaataan irratti raawwatamaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Hiyyeessi dhala isaa barsiisuuf uffata, Baarrulee, kobbee fi k.k.f biratti baasii nagahee hin qabne baasee ofii isaas karaa ergamtoota sirnichaan yeroo yerootti maqaa gosa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen qarshii gaafatamaa jiraachuus jiraattonni magaalichaa itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haalli kun ammoo namoonni harka qalleeyyiin ilmaan isaanii akka hin barsiifanne gochaa jira jechuun jiraattonni kunneen miira aariin dabaluun ibsaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading