ONM-ABO Fulbaana 8, 2024
Kan uummata Oromoo qabeenya isaanii waraana dura bu’uun saamuu, gubuu fi akkasumas rasaasa itti roobsuun ilmaan jalaa ajjeesan hanqannaan maaliif nu hin simattan jechuun kaabinootni PP namoota dararaa jiru.
Murni bilxiginnaa wayita impaayerri Itiyoophiyaa doorsisa keessaa fi alaan itti hammaatee raafamaa jirtutti, faallaa kanaa ammoo akka guutuu Oromiyaatti tibba kana caasaa gandaa digamee ture deebisnee ijaarra jechuun ergamtoonni bilxiginnaa halkanii fi guyyaa “sirba dirqii” dhiichisuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiitti kaabinoonni sirnichaa wayita gara gandaatti dhufnu simannaa nuuf taasisaa jechuun uummata dararaa jiraachuun ifoomeera.
Aanaa Jimmaa Gannatii gandoota hunda keessatti yeroo ammaa kana ergamtoonni bilxiginnaa garaa isaaniif bulan, yeroo qaala’iinsi jireenyaa hammaatee hawaasni ofiifuu jiraachuun itti ulfaatee rakkachaa jirutti dirqamaan waan qabdan fakkeenyaaf kanneen akka: qarshii, loon, hoolaa, re’ee fi kkf qabadhaa kottaa simannaa nuuf taasisaa jechuun uummata rakkisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.
