• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Jimmaa aanaa Geeraatti manneen shantamaa ol misooma magaalaa jechuun diigamaa jiraachuutu himame

Sep 8, 2024

ONM-ABO Fulbaana 7, 2024

Godina Jimmaa aanaa Geeraa  magaalaa xiqqoo ‘Kamisee’ jedhamtu keessatti ‘misooma koridoorii’f’ jechuun manneen shantamaa ol erga diigamee booda lammiileen dirree irratti hafuun himame.

Lammiileen achi jiraatan akka jedhaniitti magaalaa baay’ee xiqqaa fi lakkoofsi manaa baay’ee daangeffamte keessatti maqaa misoomaatiin manneen hedduun diigamuu dubbatan.

“Bulchoonni godinaa beenyaa tokko malee manneen dhuunfaa diigaa jiru, dhageettii waan dhabneef rakkachaa jirra” jechuun rakkoo isaan irratti adeemaa jiru kana balaaleffatan. 

Naannawwaa sanatti manneen diiguun erga eegalamee torbee tokkoo ol akka ta’e kan beekamu yoo ta’u, hanga ammaatti manneen shantamaa ol diigamaniiru. Kana keessaa manneen 27 dukkaana xixiqqaa fi manneen tajaajila nyaataa akka ta’antu himama.

“Jiraattota magaalaa xiqqoo waan taaneef, yoo iyyinullee baay’ee hin dhaga’amu, sagalee keenya ukkamsanii jiru qaama itti iyyannus hin qabnu, beenyaa tokko malee tasa manaa gadi nu yaasanii diigan, kun ammoo haamilee keenya tuqeera jechuun himu.

Misooma koridoorii magaalaa Finfinneetti hojiirra oolaa jiru hordofuun magaalonni fi gandoonni naannolee hedduunis hojii magaalaa bareedaa ‘Smart City’ jedhuun jiraattota magaalaa irratti miidhaas geggeessaa akka jiran ni beekama. 

Sochii kanaan wal qabateen namoonni hedduun bakki jireenyaa, hojii, barnootaa fi amantiin isaanii diigamuu yeroo dubbatanis ni dhagaa’ama.

Leave a Reply