ONM-ABO Fulbaana 8, 2024
Oromummaa yakka godhatanii kan hojjetan loltoonni bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaafamuun ilmaan Oromoo hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi qe’eef qabeenya isaa jalaa barbadeessuu cimsanii itti fufaniiru.
Haaluma kanaan, godina Lixa Shaggar magaalaa Ambootti loltoonni faashistii PP jiraattota irratti hidhaa fi dararaa raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.
Torbee lama dura magaalaa Amboo keessaa nama maqaan isaa Obbo Shuumii Dabalaa jedhamu loltoota Bilxiginnaan ukkaamfamuun hanga har’aa gaaffii seeraa tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf mana hiraarsaatti darbatamee jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Akka namootni kun jedhanitti, Obbo Shuumiin waardiyyaa mana barumsaa Ifa Boruu ta’uu eeruun maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhamuun dararaa hamaa argaa kan jiru ta’uu dubbataniiru.

