ONM-ABO Fulbaana 8, 2024
Murni fedhii hawaasaa malee afaan qawween uummata akka barbaadetti bulchaa jiru bilxiginnaan qe’ee uummata Oromoo nagaa qabu booressuun qe’ee warra ulfoo dirree saamichaa fi seer-dhablummaan keessatti dagaage gochaa jira.
Biyya isaa irratti waggoota murni Bilxiginnaa aangootti ba’ee asitti qabeenyaa fi lubbuun isaa loltoota ajajni itti kennamee bobbaafameen dhabamaa kan jiru uummanni Oromoo, akkuma walii galaattuu dararamni ulfaataanis guyyaa guyyaan irratti raawwatamu jireenya hawaasichaa balleessee jira.
Fulbaana 6, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo keessatti loltoonni Bilxiginnaa qe’ee uummataatti bobbaafaman saamicha geggeessanii jiru.
Namoonni qabeenyii isaanii irraa saamame kan maqaan nu gahe:
- Sayidoo Waaqoo re’oota jalaa 7,
- Amaanii Waaqoo jalaa re’ee 1,
- Abdii Waaqoo jalaa re’oota 15,
- Maammaa Guulaa jalaa re’oota 5,
- Guulaa Baddaa jalaa re’oota 5,
- Hajoo Roobaa jalaa re’e1,
- Hajii Waaqoo jalaa re’oota 15,
- Jamaal Fantaallee jalaa re’oota 3,
- Huseen Badhaasoo jalaa re’oota 3,
- Fantaallee Waajjiraa jalaa re’oota 5 fi
- Usmaan Useen jalaa re’ee 1 humnaan irraa saamanii magaalatti galfachuun dabaree dabaree qalatanii nyaachaa jiru jechuun jiraattotni gochi kun irra ga’e miira gaddaan dubbatu.
Waan nama gaddisiisu loltootni safuu fi naamusa hin qabne kunneen harmeen re’ee tokko qofa qabdu tokko maaloo ishee malee hin qabuu naaf kennaa jettee kadhattullee badi asii jechuun reebanii of duuba deebisuus namootni ijaan argan dubbataniiru.

