• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessaa loltoonni bilxiginnaa konkolaachiftootaa fi abbootii qabeenyaa rakkisaa jiraachuun ibsameera

Sep 10, 2024

ONM-ABO Fulbaana 10, 2024

Loltoonni bilxiginnaa yeroo hunda gochaa fi jechaan faallaa ilmaan Oromoo dhaabbachuun “waanuma nuti jenne raawwadhaa” jechuun dararaa hamaa raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessaa loltoonni bilxiginnaa konkolaachiftootaa fi abbootii qabeenyaa rakkisaa jiraachuun ibsameera.

Labsiin uggura geejibaa fi lagannaa gabaa karaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo labsamuun har’a guyyaa 5’ffaa kan lakkoofsise yoo ta’u, labsii Qeerroo Bilisummaa Oromoon ba’e faallessuuf loltoonni sirnichaa karaa isaaniif danda’ame maraan magaalaa Naqamtee keessaa konkolaachiftoonni fi abbootiin qabeenyaa rakkoowwan ulfaataa argaa jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, ” konkolaataa uggura geejjibaa fi lagannaa gabaa karaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo labsamee jiru fudhachuun sochii kam illee dhiisan, ergamtoonni bilxiginnaa immoo, abbootii qabeenyaa waamanii adabaa jiru. Kana malees, lakkoofsa gabatee irraa hiikuun dirqamaan bobbaasaa jiru” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply