ONM-ABO Fulbaana 10, 2024
Uummata Oromoo irratti impaayera Itiyoophiyaa keessatti dhiibbaan siyaasaa kan duraa irra wagggottan jahan kana irra ga’aa jiru daran jabaachuu kan himan jiraattonni godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo ba’anii galuun itti ulfaachuu kan himatan yoo ta’u, waraanni faashistii PP jiraattota nagaa jumlaan hidhaa, saamaa fi ajjeesaa akka jiru ONM’tti himan.
Namoonni onichatti hidhamanii jiran danuu ogguu ta’an, isaan keessaa barataa Lammii Phaawulos kan jedhamu magaalaa Gullisoo kan jiraatu siyaasa keessaa homaa quba kan hin qabne badii tokko malee mana hidhaa bulchinsa magaalichaatti hiraarfamaa akka jiru himameera.
Oromiyaa keessatti hidhaa iddoowwan adda addaatti taasifamaa jiru ilaalchisuun namoonni hedduun yaaddoo bor nuuf hin hafu jedhuun naannoo birootti godaanaa akka jiranis jiraattonni ONM’tti himaniiru.


