• Tue. Nov 24th, 2026

Mootummaan Kaanaadaa Itoophiyaatti of eeggannoo imalaa lammiilee isaaf kaa’e

Sep 10, 2024

ONM-ABO Fulbaana 9, 2024

Jimaata darbe Fulbaana 6, 2024 mootummaan Kaanaadaa lammiilee isaan sababa jeequmsa, hokkora, wal waraansaa fi yakka raawwachaa jiruuf gara Itoophiyaatti imala barbaachisaa akka hin goonee fi yoo imalanis of eeggannoo kenname akka hordofan akeekkachiise. Haalli nageenyaa impaayerattii keessaa osoo hin beekamne hammaachuu akka danda’us ibse.

Lammiilee isaaf Kaaba impaayerattii naannoo Tigraay magaalaa Maqaleen alatti akka hin sochoone, akkasumas daangaa Itiyoophiyaa fi Eertitaatti dhiyaatanii akka hin mul’anne akeekeera.

Kana malees naannoo Amaaraa, daangaa Affaarii fi Soomaalee, Beenishaangul Gumuz, Sidaamaa fi Gambeela irrattis  of eeggannoo akka godhan ibseera.

Oromiyaa keessa godinoota Wallaggaa arfan, Kaabaa fi Lixa Shaggaritti laammileen isaanii akka hin imalle mootummaan Kaanaadaa kun ibsa baaseen ifoomseera.

Sababa rakkooleen adda addaa osoo hin eegamne impaayerattii keessatti mul’atuuf guutummaa biyyattii keessatti daandii cufuun, uggurri sochii fi addaan cituun tajaajila telekoomii ni danda’a jedha ibsi kun.

Kana irraa kan ka’e lammiileen isaa yoo gara Itoophiyaa deeman nageenya cimaa, sanadoonni imalaa haareffamuu, sanada eenyummaa qabaachuu fi  lafa hin deeminaa jedhame irraa of ittisuu akkasumas bakkoota kaanittis of eeggannoo akka godhan dhaameera.

Oromiyaa keessatti dabalataan Lagannaan Gabaa fi Uggurri Geejjibaa Fulbaana 6, 2024 irraa eegalee waamamuu ibsee, sababa kanaan tajaajila hawaasummaa isaan irraa cituu malu bishaan, nyaataa fi boba’aa dhiyeessuufii akka itti fufu ibsi kun lammiilee isaa hubachiiseera.

Leave a Reply