• Tue. Nov 24th, 2026

Somaaliyaan konfiraansii nageenyaa fi haala qilleensaa Moqaadishootti qopheessite

Sep 10, 2024

ONM-ABO Fulbaana 10, 2024

Somaaliyaan Wiixata kaleessaa magaalaa guddoo Moqaadishootti walqunnamtii murteessaa jijjiirama qilleensaa fi nageenya biyyaalessaa irratti xiyyeeffachuun konfiraansii Nageenyaa fi Haala Qilleensaa guddaa taasifte.

Sagantaa kana kan eebbisan itti aanaa muummicha ministeeraa Saalaah Jamaatiin yoo ta’u, waajjira gorsaa nageenya biyyaalessaatiin kan qophaa’ee dha. Qondaaltota mootummaa olaanoo fi bakka bu’oonni michoota idil-addunyaa, UN fi Gamtaa Afrikaa dabalatee kan hirmaatan ta’uun ibsameera.

Qormaata jijjiirama qilleensaa fi tasgabbii dhabuu gara fuula duraa furuuf qindoominaan tattaaffii gochuun barbaachisaa ta’uu Soomaaliyaatti gorsaan nageenya qilleensaa fi naannoo  Mootummoota Gamtoomanii  Kiristoof Hoodar yaada Anadoluuf kennaniin.

Somaaliyaan rakkoolee hamaa haala qilleensaatiin walqabatan kan ishee mudate yoo ta’u, kunis bara 2023tti gogiinsa waggoota kurnan darban keessatti isa hamaa ta’e, itti aansee lolaa bal’aa-dhaloota keessatti baay’ee guddaa ta’etu keessummeessiteetti.

Qormaata haala qilleensaatiin alatti, Somaaliyaan tasgabbii dhabuu haleellaa garee shororkeessaa al-Qaayidaa waliin hidhata qabu al-Shabaab, kan bara 2007 irraa eegalee mootummaa Somaaliyaa fi nagaa eegdota Gamtaa Afrikaa waliin waldhabdee irratti bobba’e irraa madde qolachuu itti fufteetti jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply