• Sun. Mar 15th, 2026

Walitti bu’iinsa Sudaan keessatiin namoonni 20,000 ol du’aniiru jedhan hogganaan Dhaabbata Fayyaa Adunyaa Dr. Teediroos Adihaanom

Sep 10, 2024

ONM-ABO Fulbaana 9, 2024

Waldhabdee Sudaan keessatti Ebla bara 2023 irraa eegalee raayyaa ittisa biyyaa fi garee humna dafee qaqqabaa (RSF) gidduutti uumameen lubbuun namoota 20,000 ol ajjeefamuu daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dilbata kaleessaa ibsaniiru.

Teediroos Adihaanoom daawwannaa guyyoota lamaaf Sudaaniitti taasisaniinii fi ibsa gaazexeessitootaaf kennan irratti haasawa taasisaniin, baqattoota miliyoona lamaa biyyoota ollaa keessatti argaman dabalatee namoonni miliyoona 10 dabalataan biyya keessaa buqqa’aniiru.

Ummata Sudaan miiliyoona 25 keessaa walakkaan jechuun ni danda’ama gidduu seenuu hatattamaa kan barbaadan yoo ta’u, dameen fayyaa biyyattii %70 kana booda hojiirra akka hin jirre himaniiru.

Hogganaan WHO “Addunyaan dammaqxee Sudaan abjuu halkanii keessa jiraachaa jirtu keessaa akka baatu akka gargaartu” waamicha dhiyeessaniiru.

Sanbata darbe Teediroos WHOn dhimmoota dhiibbaa namoomaa fi fayyaa Sudaan keessatti mul’atan, kanneen akka nageenya dhabuu, buqqa’iinsa jumlaa, lolaa, hongee, fi weerara dhukkubaa dabalatee furuuf kutannoo qabaachuu isaa irra deebi’ee ibseera jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading