ONM-ABO Fulbaana 11, 2024
Balaawwan uumamaa wayita gannaa kana lolaan, sigigaan, qaqawwee fi balaan kanneen biroo bakkeewwan adda addaatti mul’ataa jiru.
Haaluma kanaan, naannoo Gaambeellaa godina Nuweer aanaa Jikaawootti rooba ulfaataa tibbana roobeen lagni Baaroo jedhamu garmalee guutuun jiraattonni 20,000 ol ta’an qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’uu fi qabeenyi hedduun manca’uun himamee jira.
Balaa kanaan, biqiloonni, kuduraa fi muduraalee, manneenii fi qabeenyaa jiraattotaa irratti mancaatiin cimaan qaqqabee jiraachuu maddeen ibsanii jiru.
Jiraattonni aanicha irraa balaa lolaan buqqa’an kunneen magaalaa ‘Kuwaachtiyaang’ jedhamtu keessaa: manneen barnootaa, manneen amantaa fi waajjiraalee mootummaa adda addaa keessa qubsiifamuu fi deggersi karaa qaama Bilxiginnaas ta’e miti mootummaan bira gahaa waan hin jirreef jiraattonni miidhaa ulfaataa argaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.



