ONM-ABO Fulbaana 11, 2024
Gochaan hamminaa, dabni namummaa, sarbamiinsi, ilaalchi gad-aantummaa fi gochootni suukkanneessaan guutummaa Oromiyaatti raawwachaa jiru haalaan erga jabaatee uummanni jireenya ulfaataa keessummeessaa jiraachuu dubbatu.
Haaluma kanaanis bulchiinsa Shaggar siitii kutaa magaalaa Buraayyuutti guyyoota shanan darbanii kaasee milishoonni Gaachana Sirnaa jedhaman murna faashistii PP’n gandoota hundaatti bobbaafamuun manneen jiraattotaa irra deemanii dirqamaan tokko tokkoon abbootii warraa irraa qarshii 500 fuudhaa akka jiran beekameera.
Namoonni maallaqa gaafataman kana maaliif kaffala jedhanis ilaalcha waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhamuun yakkamanii hidhamaa akka jiran jiraattonni ifoomsaniiru.
Bilxiginnaan mirgaa fi tokkummaa uummata Oromoof baay’ee kan hinaafu akka ta’e irra deddeebiin gochootni inni Oromiyaa keessatti raawwachaa jiru kan ifoomsu yoo ta’u, kan bara mootummoota abbaa irree darbanii irra daran hammaachuun uummatni Oromoos dhumaatii fi dararama hamaa keessummeessaa jira.

