• Wed. Nov 25th, 2026

Muummichi Ministeeraa Iraaq, pirezidaantii Iraan yeroo keessummeessanitti, waraanni Gaazaa keessatti akka hin babal’anne dubbatan

Sep 12, 2024

ONM-ABO Fulbaana 12, 2024

Muummichi ministeera Iraaq Mohaammad Shi’aa al-Sudaanii pirezidaantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan daawwachuu isaanii cinatti darbe akka jedhanitti, mootummoonni lamaan waraanni Israa’el fi Hamas Gaazaa keessatti babal’achuu kamiyyuu akka morman kaasan.

”Hammeenya naannichi keessatti mul’achaa jiru ilaalchisee barbaachisummaa tasgabbii irratti waan baay’ee dubbanneerra; tasgabbiin kun weerara Ziyoonistootaan Gaazaa keessatti balaadhaaf saaxilame,” jedhan al-Sudaan.

Itti dabaluudhaanis, “waldhabdeen kana dheeressuu kamiyyuu diduu keenya yeroo tokkoo ol ibsineerra,” jechuun mootummoonni lamaan waraana kanarratti “ejjennoo waloo” qaban jala sararaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply