ONM-ABO Fulbaana 11, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti Baha Shaggar keessatti fudhachuu itti fufe.
Bifuma kanaan gaafa Fulbaana 9, 2024 aanaa Fantaallee magaalaa Mataa Haaraa daandii cirracha gurraacha Itiyoo – Jibuutii irratti konkolaataa paatroolii waraana faashistii PP gara magaalaa Finfinneetti imalaa turte irratti leencichi WBO zoonii Harsadee tarkaanfii jabduu fudhachuun daaraa godhe jira.
Tarkaanfii fudhatame kanaanis waraana diinaa irraa loltoota lama booji’uun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
