• Wed. Nov 25th, 2026

Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii qoqqobbii Sudaan waggaa dabalataaf dheeresse

Sep 13, 2024

ONM-ABO Fulbaana 12, 2024

Manni Maree Nageenyaa  Mootummoota Gamtoomanii Roobii kaleessaa qoqqobbii Sudaan irratti waggaa dabalataaf kaa’e haaromseera.

Isaanis qoqqobbii irratti kan xiyyeeffate akkasumas uggura meeshaa waraanaa hanga Fulbaana 12, 2025’tti kaa’uu kan dabalatu ture.

Murteen US naanna’aa turte kun sagalee guutuun Mana Maree miseensota 15 qabuun ragga’eera.

Murtoon Mootummoota Gamtoomanii Amajjii 29, 2005 Mana Maree kanaan kan ragga’e yoo ta’u, namoota dhuunfaa fi qaamolee waldhabdee Daarfuur keessatti hirmaatan addatti irratti xiyyeeffachuun Sudaan irratti qoqqobbii akka kaa’u ibsameera.

Uggura imala, qabeenya dhorkuu fi uggura meeshaa waraanaa kan dabalatuudha.

Koreen qoqqobbii hojiirra oolmaa to’atus qaama murtee kanaa akkasumas paanaalii ogeeyyii odeeffannoo walsimannaa walitti qabuun Mana Mareef gabaasa kan dhiyeessan ta’a.

Mootummoota Gamtoomanitti itti aanaan ergamaa Ameerikaa Roobart Wuud miseensota Mana Maree ”sirna qoqqobbii Sudaan ji’oota 12 dabalataaf haaromsuu irratti hirmaannaa ijaarsaa taasisaniif” galateeffataniiru.

Itti dabaluudhaanis, “Tarkaanfiiwwan qoqqobbii haaromsuun sochii meeshaa waraanaa gara Daarfuur daangessuu fi namoota dhuunfaa fi qaamolee sochii Sudaan keessatti tasgabbii dhabsiisuu keessatti gumaachan ykn hirmaatan qoqqobbii ni kaa’a,” jedhan jechuun Rooters gabaaseera.

Leave a Reply