• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaatti maatiin qabsaa’otaa waraana faashistii PP’n manneen hidhaatti jumlaan guuramuu fi saamamuun dhagaa’ame

Sep 14, 2024

ONM-ABO Fulbaana 13, 2024

Bilxiginnaan umurii aangoo bulchiinsa isaa hamma danda’etti dheereffachuu fi abbaa irrummaa isaa jabeeffachuu yaalii godhaa jiruun maatii qabsaa’otaa balleessuu fi namoota Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabu jedhee shakku ragaa tokko malee hidhuu, saamuu fi ajjeesuun qe’ee uummata Oromootti jireenya ibidda godhee jira.

Akkuma kanaanis jiraattonni godina Arsii Bahaa aanaa Dugdaa yeroo ammaa kana dararaa hamtuu keessummeessaa kan jiran yoo ta’u, maatiin ilmaan isaanii miseensota WBO ta’an yakka tokko malee manneen isaanii irraa qabamuun baatiilee dheeraaf hidhaatti darbatamanii dhukkuboota adda addaaf saaxilamaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Keessattuu uummata gandoota baadiyyaa cufaan isin hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun waraanni faashistii PP bakka isaan gabaaf bobbaa’anitti dhiittaa mirga namoomaa irratti raawwachuun hidhuun cinaatti reebicha jabaa irratti raawwachaa jiraachuun beekameera.

Bilxiginnaan maqaa olaantummaa sirna isaatiif jecha aangoo isaatti gargaaramuun hawaasa qonnaan jiraatu, qabeenya isaa saamuu, manneen irratti gubuu fi ajjeesuun hawaasatti jireenya hadheessaa jiraachuunis egeree uummata Oromootti yaaddoo jireenyaa uumaa akka jirus beekameera.

Leave a Reply