• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Ballootti lukkeeleen bilxiginnaa jiraattota irratti saamicha raawwatan

Sep 14, 2024

ONM-ABO Fulbaana 14, 2024

Ilmaan Oromoo hidhuu, saamuu, mana irraa gubuu, ajjeessuu fi gochoota suukkaneessoo adda addaa hojjechuu hojii idilee isaa kan godhate murni abbaa irree Abiy  Ahimed, gocha isaa badii kana jabeessee jira.

Haaluma kanaan, ergamtoonni PP aanaa Malkaa Bal’ootti jiraattota saamaa jiraachuun ifoomee jira.

Araddaa Firii Qabsoo jedhamu irraa lukkeeleen bilxiginnaa ilmaan Oromoo dararuun gammachuu fi guddina argatan  “akka araddaatti waajjira 33 ijaaruu qabna” jechuun qarshii dhibba afur afur afaan qawwee itti qabuun hawaasa meesha-maleessa irraa saamaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Aanicha keessatti kana duras maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun hawaasa ofiifuu waan nyaatu dhabee agabuu bulu dararuun saamicha hamaa raawwataa jiraachuun ifoomee jira.

Leave a Reply