ONM-ABO Fulbaana 13, 2024
Murni Bilxiginnaa kka ani si bulchetti buli kana hin gootu taanaan akkas taata, akkasin si godhaa fi doorsiisa hammeessuu fi shororkeessuu bira darbee lubbuu qaalii bakka bu’aa hin qabne balleessaa oola.
Haaluma kanaan, godina Lixa Harargee aanaa Habrootti loltoonni faashistii PP jiraattota irratti ajjeechaa suukkaneessaa ta’e raawwatan.
Fulbaana 10, 2024 aanaa Habroo araddaa Gaaddisaa jedhamu irraa nama maqaan isaa Hasanoo jedhamu milishaan PP tokko “caasaa gandaa haarawwaa ittiin qubsiifna” jechuun qarshii 60 akka kaffaluuf dirqamsiisnaan kaffaluu waan dideef rasaasaan mataarra rukutee battalumatti lubbuun isaa darbuu jiraattonni araddichaa himan.
Aanicha keessaa ergamtoonni bilxiginnaa maqaa “caasaa gandaa haarawaaf” jedhuun qarshii jaatama jaatama hawaasa irraa guuraa kan jiran yoo ta’u, sababa qarshii 60 qofa kaffaluu dadhabe qofaaf yakkamuun ajjeefamuu isaa jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.


