ONM-ABO Fulbaana 13, 2024
Pirezidaantiin Senegaal Bassiroyu Diyoomaayee Faye balaa dhuma torban darbee mudate namoota kudhanootaan lakkaa’aman erga galaafatee booda Kamisa Kaleessaa bidiruu godaantootaa irratti tarkaanfii fudhachuuf dhaadataniiru.
Dilbata darbe bidiruun godaantota fe’ee ture qarqara galaanaa Senegaal irraa erga garagaltee booda yoo xiqqaate hanga ammaatti reeffa namoota 40 argamuu qondaaltonni himaniiru.
”Balaa obsa hin qabne godaansa seeraan alaa biyyattii mudate booda Senegaal gadda keessa jirti.
Maatii gadda keessa jiran waliin dhaabadhee networkii godaansaa ijoollee keenya fayyadaman diiguuf waadaa galle irra deebi’ee mirkaneessa,” jechuun Fayeen erga bakka balaan kun itti mudate Maboyur daawwatee booda maxxansa X irratti barreesseen maatii gaddi irra ga’eef gadda itti dhaga’ame ibseera.
“Daldaltoota namaa” dargaggoota Senegaal abdii kutatan biyya alaa keessatti egeree fooyya’aa ta’e waadaa galuun haala balaa ta’etti geessuun fayyadamaa jedhan balaaleffataniiru.
Adamsi namoota imala balaa kana raawwatan irratti godhamu, poolisii fi waraana hirmaachisuun, “hojii seeraan alaa kana hundee irraa buqqisuuf” akka cimu dubbataniiru.
Dooniin mukaa kun godaantota seeraan alaa 100 ol magaalaa Senegaal Maboyur irraa fe’ee osoo deemaa jiruu kiiloo meetira 4 qofa erga deemtee booda liqimfamte jechuun CNN gabaaseera.


