• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaatti loltoonni faashistii PP dargaggoo tokko ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisan

Sep 15, 2024

ONM-ABO Fulbaana 15, 2024

Loltootni faashistii PP uummata nagaan qe’ee isaa irra jiraatu maqaa ”hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkee ukkaamsuu achi buutee dhabamsiisuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaatti loltoonni faashistii PP dargaggoo tokko ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisanii jiraachuun ibsamee jira.

Aanaa Diggaa ganda Burqaa Guddinaa jedhamu irraa baatii tokko dura dargaggoon maqaan isaa Mikaa’el Baqqalaa jedhamu loltoota sirnichaan butamuun hanga har’aatti achi buuteen  isaa dhabamuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti, ”loltoonni bilxiginnaa magaalaa Arjoo Guddattuu irraa ka’uun dargaggoo kana ukkaamsuun konkolaataa irra buusanii bakki isaan geessan hin baramin jira.

Maatiin dargaggoo kanaa waanti isaan irratti raawwatan hin beekamu, hanga ammaatti achi buutee isaa hin dhageenye, du’aa fi jiraan isaa hin baramin jira” jechuun dubbatan.

Leave a Reply