• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjootti qabeenyaan jiraattotaa waraana faashistii PP’n saamamuun namoonni hedduunis jumlaan hidhaatti guuramaa jiraachuun himame

Sep 15, 2024

ONM-ABO Fulbaana 15, 2024

Erga caasaa bifa haaraan gandoota baadiyyaa harka Waraana Bilisummaa Oromoo jala jirutti ijaarranna jechuun holola afarsuu eegalanii kaasanii lukkeeleen Bilxiginnaa, namoota nagaa kan duraa irra bifa adda ta’een saamuu, hidhuu, ajjeesuu fi manneen irratti gubuu hammeessuu jiraattonni dubbatan.

Bifuma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo gandoota akka Meettaa, Imbaatuu Mikaa’eel fi kanneen birootti waraanni bulchiinsa magaalichaa irraa maqaa sakattaa WBO’n bobbaafaman qabeenya namootaa saamuu fi qonnaan bultootaa hidhaa akka jiran beekameera.

Saamichi raawwachaa jiru jabaachuun torban darbe keessa ganda Meettaa irraa Obbo Bultii Bajoo nama jedhamu jalaa horii 10, Obbo Margaa Laggasaa jalaa qotiyyoo 3, Hoolota 3, lukkuu 2  jalaa fudhachuun, mana Guddaa jalaa yoo guban, Obbo Biraanuu Jamaal nama jedhamu jalaa ammoo qabeenya hedduu akka saaman jiraattonni himan.

Ganda Imbaatuu Mikaa’eel keessaa ammoo Obbo Biraanuu Bantii jalaa horii 12, Obbo Dhugaasaa Dirbabaa jalaa horii 3 fi dukkaana tokko guutuu qabeenya keessa jiru kan saaman ogguu ta’u dargaggoota maqaan isaanii Shifarraa Bashaa, Badhaasaa Moosisaa, Maariqoos Fiqaaduu kanneen jedhaman ammoo qabuun harka isaanii dudduubatti hidhanii gara waajjira poolisii aanichaatti geessuun miidhaa guddaa irraan ga’anii hidhanii akka jiran beekameera.

Leave a Reply