• Thu. Nov 26th, 2026

Sarbamni Mirga Namoomaa Dhaabbatu Malee Itiyoophiyaan Carraa Al-ergii Erguutti deebi’uu Dhabuu Malti Jechuun Dubbatan Ergamaan Gaanfa Afrikaa Ambassaddar Maayik Haamir

Sep 15, 2024

ONM-ABO Fulbaana 14, 2024

Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa kan ta’an Ambaassaaddar Maayik Haameer ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kennaniin, “Itiyoophiyaan sarbama mirga namoomaa Oromiyaa fi Amaaraa keessatti deemamaa jiru hin dhaabdu yoo ta’e, carraa al-ergii kan mootummaan Ameerikaa qaraxaan ala bilisaan kennu akka dhabdu dubbatan.

Carraa kana Itiyoophiyaan gaafa Tigiraayiin wal lolaa turte akka dhabde kaasuun, carraa gaafas dhabde kana deebistee argachuuf sarbama mirga namoomaa humnoota mootummaatiin naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti gaggeeffamaa jiru dhaabuu qabdi jechuun dubbataniiru.

Ambaasaaddar Hamar walitti bu’iinsa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti adeemamaa jiru hordofee namoonni nagayaan akka ukkaamfamaa jiran kaasuun, kanarraa ka’uun gara Oromiyaa fi Amaaraa imaluuf akka rakkatanis himaniiru.

Ambaasaaddar Maayik Haamar marii mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO gidduu marsaa lamaan Taanzaaniyaatti gaggeeffame irratti hirmaachuu isaanii yaadachiisuun “ammallee mariin akka itti fufu mootummaa Norweey waliin ta’uun tattaaffii taasifnu itti fufneerra,” jedhan.

Leave a Reply