• Tue. Nov 24th, 2026

Sudaan Kibbaa mootummaa ce’umsaa waggaa 2f dheeressite

Sep 15, 2024

ONM-ABO Fulbaana 14, 2024

Mootummaan Tokkummaa Sudaan Kibbaa Jimaata kaleessaa yeroo ce’umsaa waggaa lamaaf dheeressuu fi filannoo jalqaba hanga Muddee 22, 2026tti gaggeeffamuuf beellamame akka turu beeksiseera.

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Pirezidaantii Tuut Gatluk akka jedhanitti, dheerinni kun pirootokoolota murteessoo waliigaltee nagaa keessatti hafan kanneen akka adeemsa Heera mootummaa dhaabbataa, lakkoofsa ummataa fi galmee paartilee siyaasaa hojiirra oolchuuf carraa ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Dhimma Kaabinee Maartiin Eeliyaa Loomuroo akka jedhanitti, yeroon dheerachuun kun yaada dhaabbilee filannoo fi damee nageenyaa irraa dhiyaateef deebii kennuudha.

Filannoon milkaa’inaan gaggeeffamuuf barbaachisan hojiiwwan murteessoo eegamaa jiran kaasuun, harkifannaa akka barbaachisu taasiseera.

Filannoon dura hojiiwwan barbaachisoo ta’an xumuruuf yeroon dabalataa barbaachisa jedhan.

Yeroo dheeraa kana keessatti mootummaan hojii isaa akka itti fufu lammilee Sudaan Kibbaaf mirkaneessaniiru.

 Itti dabaluudhaanis mootummaan hin diigamu, dhaabbileen tumaalee kana xumuruuf yeroo hojjetan akkuma barametti hojii isaanii itti fufu jedhan.

 Lomuroon nagaa fi tasgabbii yeroo dheeraa galmaan ga’uuf murteessaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

 Waliigalteen nagaa Sudaan Kibbaa morkataa isaa Riik Machaar waliin kan raawwatame yoo ta’u, bara 2018 dhaabbilee siyaasaa birootiin mallattaa’eera.

 Pirezidaanti Kiir waliin ta’uun bara 2020 mootummaa tokkummaa kan ijaaran yoo ta’u, Machaar namoota afur keessaa itti aanaa pirezidaantii jalqabaa ta’aniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply