ONM-ABO Fulbaana 16, 2024
Bilxiginnaan waraana isaa goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun uummata Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan jiru yoo ta’u, bakkoota hedduutti badii tokko malee yakkuun akka bineensaatti adamsanii ajjeesuun soora allaattii taasisuu itti fufe.
Haaluma kanaan, godina Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaanitti loltoonni impaayerattii dargaggoo tokko rasaasaan dhahuun ajjeesanii gatuun eeramee jira.
Aanaa Iluu Galaan ganda Raffisoo Kaaminoo jedhamu irraa Fulbaana 11, 2024 loltoonni sirnichaa akkuma fedhan bobba’anii ilmaan Oromoo ajjeesaa turan dargaggoo maqaan isaa Eebbisaa Gamsiisaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akka namootni isa beekan jedhanitti dargaggoon kun magaalaa Finfinnee keessaa hojii guyyaa hojjetee kan jiraatuu fi ayyaana maatii waliin dabarsuuf gara maatii kan gale yoo ta’u, loltoonni Bilxiginnaa immoo “WBO waliin hidhata qabda” jechuun sobaan yakkanii ajjeesuun reeffa isaa bakkeetti gatanii deemuu himaniiru.



