• Wed. Nov 25th, 2026

Magaalaa Buraayyuu keessatti namoonni nagaan keessattuu dhalootaan Horroo Guduruu Wallaggaa ta’an jumlaan hidhamaa jiraachuu maddeen magaalichaa ONM’f himan

Sep 16, 2024

ONM-ABO Fulbaana 16, 2024

Uummanni nagaan garee ani mootummaadha ofiin jedhuun Oromiyaa keessatti bakka tokkoo gara bakka biraatti imalanii jiraachuu kan hin dandeenye yoo ta’u, murna bilxiginnaa aangoo irra jiruun bakka dhaloota isaan foo’amuun qabamee mana hidhaa keessatti gidirfamaa fi ajjeefamaa jira.

Caamsaa 2024 irraa eegalee hanga har’aatti magaalaa Buraayyuu keessaa namoota jiruu fi jireenya isaanii fooyyeeffachuuf akkasumas rakkoo nageenyaa humna finxaaleessaa Amaaraan qe’ee isaanii irraa buqqa’uun magaalaa Buraayyuu keessa jiraachaa turan keessaa namoonni baayinni isaanii 300 ol ta’an hanga ammaatti qabamuun bakka addaa Keellaa jedhamuun beekamutti hidhamanii akka jiran maddeen magaalichaa ibsan.

Namoonni kunneen irra guddeessi isaanii kanneen manneen isaanii irratti gubate, akkasumas qabeenyaan isaanii walumaagalatti hidhattoota qaama biyya bulchina jedhuu fi garee finxaaleessaa Amaaraan manca’uun qe’ee isaanii irraa godaananii magaalaa sanatti hojiilee adda addaa hojjechuun jiraatan ta’uu ibsa.

Akka maddeen jedhanitti namoonni kunneen namoota nagaa fi sirnichi bakkuma dhaloota isaaniin qoodee isin shororkeessitoota jechuun  uummata lubbuu isaa oolfachuuf achitti baqate achittis biraa hafuu dhabuun roorroo hanga kana hin jedhamne irraan ga’aa akka jiran dabaluun maddeen keenya magaalichaa ONM’f himaniiru.

Leave a Reply