ONM-ABO Fulbaana 16, 2024
Murni garboonfataan impaayera Itiyoophiyaa ol adeemtota bor abdii biyyaa ta’anitti danqaa ta’uun barnootaa ala taasisee, isa barates hojii dhorkachuun dargaggoota abdii kutatan hedduu dirqii fi goyyomsaan, akkasumas maallaqaan sossobee leenjisee qawwee baachisee yakkoota adda addaa hojjechiisaa kan jiru yoo ta’u, kanneen uummata keenya irratti yakka seenaa hin dalagnu jedhan ammoo moonaa sirnichaa balfuun gara WBO’tti makamaa jiraachuun cimee itti fufee jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 14, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii magaaluma Gimbii mooraa “Beete Mangistii” jedhamu irraa miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii lama kanneen sabaan Tigiree fi Oromoo ta’an gooticha WBO naannicha keessa sosso’aa jirutti qawwee gurraacha Turkii 3, Dachaatuu 3 fi sharifoo 1 walumatti qawwee torba, rasaasa AKM 510, Boombii harka 5 fi hidhannoo 1 qabatanii nagaan WBO bira ga’uu hooggansi WBO naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.
Akka ONM miseensota RIB duraanii kana dubbisee odeefatetti simannaa hoo’aa WBO’n taasiseefitti guddoo gammaduun mooraa murna nama nyaata sana keessa teenyee waanti nuun jechaa turanii fi argine waliif faallaadha, naamusi WBO akka nuti eegneen oli miseensota sodaachisuuf WBO bira yoo dhaqxan nama qalaa fi isin ajjeesa jechuun bulgeessanii dubbachuun isaanii dhara jechuun waan argan miira gammachuun guutameen ibsaniiru.
Itti dabaluun miseensonni kun akka jedhanitti durumayyuu quunnamtii WBO dhaba achi keessa akka turan kaasuun gochi mooricha keessaa sirrii akka hin taanee fi saba isaa akka malee miidhaa jiraachuun akka isa baase ilmi Oromoo kun kan dubbate yoo ta’u, kan sanyiin Tigree ta’es gama isaan diina keenya waliin hojjechaa jirra, dhiigni lammiilee Tigraay isaan dhangalaasan isaan waliin na teessisuu dinnaanin ba’e jechuun ibse.
Gocha osoo hin beekinis ta’e godhiif hin godhiniin uummata Oromoo irratti raawwachaa turreef dhiifama gaafanna, kanneen har’as meeshaa diinaa baachuun saba keessan miidhaa jirtan qawwee fi hidhannoo keessan qabadhaatii gara qabsoo saba keessanii kan WBO’n geggeeffamaa jiruutti makamaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.





