• Tue. Nov 24th, 2026

Doonii qurxummii qabdu Kooriyaa Kibbaa qarqara galaanaatti erga garagaltee booda namoonni sadii du’aniiru jedha Yonhap

Sep 17, 2024

ONM-ABO Fulbaana 16, 2024

Namoonni sadii bidiruu qurxummii qabuu bishaan qarqara galaanaa Kooriyaa Kibbaatti garagalte keessa turan gara hospitaalaatti erga geeffamanii booda du’uu isaanii fi namoonni shan baraaramuu isaanii dhaabbati oduu Yonhap eegduu qarqara galaanaa wabeeffachuun Wiixata har’aa gabaaseera.

Namoonni lubbuun isaanii darbe lammiilee Kooriyaa Kibbaa lamaa fi lammii Indooneezhiyaa tokko akka ta’e  gabaasni Yonhap ni mul’isa.

Pirezidaanti Yoon Suk Yehol Wiixata ganama waa’ee taatee kanaa ibsi erga kennameefii, ministira galaanaa fi qurxummii fi itti gaafatamaan eegdota qarqara galaanaa hojjettootaa fi meeshaalee jiran hunda bobbaasuun baraarsa akka gaggeessan ajajuu isaanii waajjirri isaanii beeksiseera.

Dooniin qurxummii kun naannoo magaalaa Gunsan bulchiinsa Kaaba Ye’ollaatti naannoo sa’aatii 7:36 tti garagaltee akka turte Yonhap gabaasee turuu Rooyiters addeesseera.

Leave a Reply