ONM-ABO Fulbaana 17, 2024
Yeroo garaagaraatti ergamtoonni bilxiginnaa ajaja qaama isaanii olii irraa itti kennamu nuffuun walitti deebi’anii akka sareetti wal nyaachaa wal hidhaa, wal ajjeesaa, wal reebaa fi walii isaaniin dararaa hamaa wal irratti raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaatti kaabinoonni 30 ol ta’an hidhamanii dararamaa kan jiran yoo ta’u, kanneen hafanis yaaddoo keessa jiraachuun barameera.
Akka kanaanis Fulbaana 13, 2024 magaalaa Guutee jedhamu irraa Kaabinoonni 30 ol ta’an loltoota sirnichaan ukkaamfamuun walii isaaniin wal hidhanii garmalee wal dararaa jiraachuu maddeen itti dhiyoo ifoomsan.
Akka maddeen jedhanitti, sababa caasaa gandaa haarawwaa murni nama nyaataan PP yeroo ammaa baase balfuun gandoota aanaa Waayyuu Tuqaa keessatti argaman dhaquu didaniif mana hidhaatti wal darbachuu isaanii dubbatan.

