• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti namoonni nagaan waraana garboomfataa PP’n qabamanii hidhamuun jabaate

Sep 21, 2024

ONM-ABO Fulbaana 18, 2024 

Gareen faashistii PP falmii meeshaa lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasisaa jiru irraa dandamachuu kan dadhabe hawaasa harka duwwaatti deebi’uun gara jabinaan hidhuu, saamuu, manneen irratti gubuu fi ajjeesuun dararaa geggeessaa jira.

Karoorri sirnichaa uummata caalaatti miidhuu fi abdii kutachiisu ta’ee irra deddeebi’ee mul’ataa kan jiru Fulbaana 15, 2024 godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee irraa maanguddoo ganna 60 olii obbo Waannaa Ashanaa jedhaman ganda 02 irraa waaree booda sa’a 8:00 irratti waraanni faashistii PP butuun dhabamsiisanii gara aanaa Saasiggaatti geessuun akka hidhan jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Kana malees haadha tokko ilma ishee waliin bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessaa qabuun guyyuma sana gara aanaa Saasiggaatti geessuun akka hidhan barameera.

Gochoonni hamminaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti adeemaa jiru daangaa darbuun shamarran hedduu maqaa hariiroo WBO qabduun hidhanii jiru. Durbee maqaan ishee Duulee Mokkonnon jedhamtu hojiin ishee qarshi qabduu faarmaasii Jarmanii kan taate waliin shamarran hedduun baatiilee afurii oliif ganda 07 keessatti hiraarfamaa akka jiran ibsameera.

Leave a Reply