ONM-ABO Fulbaana 17, 2024
Murni dinagdeen harkatti kufe dinagdee isaa bayyaannachiisuuf jecha hawaasa nagaa mallaqaa fi horii manaa saamuun umurii aangoo isaa ittiin dheereffachuuf hojjechaa jiru saanduqaa fi gombisaa namootaa onsaa jira.
Fulbaana 16, 2024 jechuun kaleessa ganama obboroon aanaa Ammayyaa ganda Beerree Tirtiraa jedhamuun beekamu keessatti kaadiree fi milishaan PP loon hawaasaa saamuun ibsameera.
Badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Tashoomaa Urgeessaa jalaa loon 4
- Guuttataa Abdiisaa jalaa loon 6 fi namoota hedduu jalaa loon fudhachuun gara aanaa Ammayyaatti ol deebi’uu maddeen ONM’tti himan.
Hawaasni saamaman kun dhimma siyaasaa tokko keessaa qooda kan hin qabne ta’uu fi maqaa “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuun gochi kun irratti raawwachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

