ONM-ABO Fulbaana 17, 2024
Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimad Makaaliin Fiqii har’a Moqaadishootti barreessaa olaanaa dhaabbata naannichaa IGAD obbo Workneh Gebeyehu, Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa duraanii kan turan Simataniiru.
Walgahiin kun yeroo murteessaa ta’etti kan geggeeffame yoo ta’u, Ministirri kun Warqinee Gabayyoo waliin haala gaanfa Afrikaa fi hariiroo Ityoophiyaa waliin walqabatee dhimmoota barbaachisoo ta’an irratti mari’ataniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa IGAD Itiyoophiyaa gara daandii seeraatti deebisuu keessatti gahee olaanaa taphachuun waliigaltee bulchiinsa Somaaleelaandii waliin taasiste, kan mootummaan Somaaliyaa akka sarbamaatti ilaalu keessaa bahuu akka qabu dubbataniiru.
Ministirri Fiqiin barreessaan IGAD rakkoo gaanfa Afrikaa keessatti mudate ilaalchisee ergaan ifa ta’e kennamuu akka qabu eeruun, dhimmoota Itoophiyaan qabdu keessatti dhaabbati IGAD gahee olaanaa taphachuu akka danda’u amantaa guutuu qabna jedhan.
Somaaliyaan Itiyoophiyaa fi ummata isheetiif diinummaa akka hin qabnes ibseera. Garuu hoggansi Itiyoophiyaa kan ergaan isaa kan itti fufee jiru waan ta’eef ogummaa isaanii deebisuu akka qaban dubbataniiru.
Walgahicha kanaanis Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa fi barreessaan IGAD Warqinee Gabayyoo hirmaannaa Somaaliyaan sagantaalee IGAD irratti qabdu ilaalchisee Moqaadishootti waliigaltee mallatteessaniiru jechuun gaazexaan Soomaaliyaa Hiiraan Online gabaaseera.


