• Tue. Nov 24th, 2026

Sudaan Kibbaa boba’aa ishee daandii Sudaan fayyadamuun deebistee gabaa alaaf dhiyeessuuf Sudaan waliin walii galuu ibsite

Sep 21, 2024

ONM-ABO Fulbaana 18, 2024 

Waajjiraaleen Ministira Maallaqaa fi preezdaantii Sudaan Kibbaa Kibxata kaleessaa akka ibsanitti, biyyi Baha Afrikaa fi Sudaan boba’aa karaa ujummoo gara buufata doonii ollaa kaaba baha Afrikaatti geessuun deebi’anii rabsii gochuu irratti guddina agarsiisuu ibsaniiru.

Al-ergiin kun Sudaan Kibbaaf madda galii murteessaa yoo ta’u, Sudaan boba’aa kana irraa ciccituu akka kaffaltii geejjibaatti fudhatti.

Ujummoon guddaan boba’aa Sudaan Kibbaa irraa Sudaan karaa Sudaan fe’ee al-ergiidhaaf geessu sababa miidhaa lola waraana Sudaan fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa gidduutti uumameen ji’a Guraandhalaa keessa dhaabbate.

Ibsi waajjirri preezdaant Saalvaa Kiir baase akka jedhetti, guddinni kun bu’aa walga’ii hogganaa waraanaa Sudaan Abdel Fattah Al-Burhan kan Wiixata kaleessaa Juubaa turan waliin taasifameen ta’uu ibseera.

Ministirri Maallaqaa Sudaan Kibbaa Maariyaal Dongirin Wiixata galgala ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, injinaroonni biyya kaaba baha Afrikaa kanaa “torban dhufan keessatti Sudaan daawwachuun qophii dhaabbilee kanaa akka beekan gochuun oomisha kana akka jalqaban ni eegama” jechuun VOA Afaan Ingliffaa gabaaseera.

Leave a Reply